Siyaasa: Dr Dabratsiyoon gara Sudaan Kibbaa godaanan jedhamu isaani haalan

1 year, 5 months ago 2570 Qoodi

Dura taa'aa ABUT Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el waraana gaggeeffamaa tureen erga magaala Maqalee gadhiisani booda "gara Sudaan Kibbaatti godaanan" jedhame oduun odeeffamaa jiru soba jechu isaani 'Routers' gabaaseera.

Dr Dabratsiyoon, "Naannoo Tigraay keessa hin baane, ammallee naannoo Maqaleetti humnoota mootummaa waliin waraanarra jirra" jechuun himaniiru.

Dubbii himtuun Mummichi Ministira kan taate Billanee Siyyuum dhimma haasaa Dr Dabratsiyoon ilaalchisee wayita gaafataman, "Mootummaan Federaalaa hojii naannoolee sababa waraanichaan miidhaman tasgabbeessutti jira, haasaa yakkamaa bittinaa'e jiruuf deebii kennuun dhimma keenya miti" jedhaniiru.

Maddi: Routers

Itoophiyaa Maqalee Waraana TPLF Tigraay

Odeessa kana irratti dabalata