ODUU AMMEE: Pireezidaanti Ameerikaa Donaald Tiraamp fi haatii warraa isaani Covid-19n qabaman

1 year, 7 months ago 931 Qoodi

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi haatii warraa saanii Meelaaniyaa Tiraamp Covid-19n qabaman. Erga gargaartuun isaa koronaa vaayirasiin qabamuun baramee booda adda of baasuun turaa jiraachu himee ture.

Haa ta’u malee, erga Pirezidaantichi karaa tiwiitara isaanitiin dabarsaniin, ‘‘Qorannoo galgala kana nuuf taasifameen Covid-19n qabmuun kiyya mirkanaa’eera’’ jedhan. Itti dabaluunis adda of baasnee turuun battalumatti bayyanachuu keenya itti fufnas jedhan.

Tiraapmi dorgommii pirezidaantummaa marsaa lammaffaatiif falmii isa jalqabaa halkan dheengaddaa taasisanii, haasaan isaan taasisan mata dure ijoo dubbaa midiyaalee ta’ee ture.

Maddi: BBC

COVID19 Ameerikaa Donaald_Tiraamp

Odeessa kana irratti dabalata