Naannoo magaala Maqalee xiyyaara waraanaa fayyadamuun boombiin haleelame

Har'a gara galgala Jeettiiwwan Waraanaa Itoophiyaa naannoo magaalaa guddoo Tigraay, Maqalee boombiin haleeluu isaani Mootummaan Naannoo Tigraay beeksise.
Biiroon Kominikeshinii Naannichaa televiziyoona biyyattirratti ibsa balballoomseen Jeettiiwwan kunneen naannoo magaala Maqalee haleelan jechuurraan kan hafe iddoo sirrii haleellaan kun raawwatame ifatti hin ibsine.
Mootummaan Naannichaa ibsa kanarratti, "haleellaan kun ummata Tigraay jilbeeffachiisuuf kan kaayyeeffateedha" jechuun ibseera.
Maddi: Dw Amharic