Itoophiyaan qajeelfama COVID-19 ittisuufi to'achuuf bahee hojiirra jiru jijjiirte

3 months, 1 week ago 407 Qoodi

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'aniifi kanneen kutaa warra jabaa dhukkubsataniitti dabarfaman haala baay'ee rifaasisaa ta'een dabalaa jiraachuu hordofee qajeelfamni weerara dhibee kanaa ittisuufi to'achuuf gargaaru fooyyaa'ee ba'uun isaa ibsameera.

Qajeelfamni Ministeerri Fayyaafi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa foyyeessanii baasan kun A L I Hagayya 13, 2013 irraa kaasee hojiirra oola jedhameera.

Akka qajeelfama foyyaa'ee bahee kanaatti namni kamiyyi osoo maaskii hin godhatiin socho'uun dhorkamaa yoo ta'u, kun ammoo daa'imman umuriin isaanii waggaa ja'aa ol ta'e kan dabalatudha jedhameera.

Maaskii godhachuun dirqama kan hin taaneef daa'imman umuriin isaanii waggaa ja'aa gadi ta'aniifi namoota rakkoo fayyaa argansuu qabaachuun isaanii ragaan mirkanaa'e ykn rakkoo biroo kana fakkaatan qaban irraan kan hafe lammileen hunduu yeroo bakkaa bakkatti socho'an maaskii godhachuu qabu.

Maaskii afaaniifi funyaan ittiin haguuggatan kanneen bakkeewwan gabaatti, bakkeewwan itti tiraanispoortii qabatan, bakkeewwan tajaajilawwan ummataa itti kennamaniifi kanneen biroo namoonni itti baayyatanitti godhachuutiin alatti dirqama walirraa fageenya tarkaanfii nama guddaa lama eeggachuunis qajeelfama kana keessatti hubachiifameera.

Dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa itti tajaajilawwan kennamanitti hojjetoonniifi maamiltoonnis tarkaanfii nama guddaa lama ykn qajeelfama qaamaan walirraa fagaachuu kabajuudhaan akka tajaajilamaniifi maaskiillee akka godhatan ni dirqisiifamu. Bakkeewwan tajaajila akkasii kanattis teessuma dalgee tokkorra tajaajilamtoota sadii ol akka taa'an gochuunis dhorkameera.

Dhaabbileen mootummaafi kan dhuunfaa kamiyyu karaawwan ittiin seenamuufi ba'am irratti meeshaaleen tatamsa'ina dhibee kana dhaabsisuuf gargaaran dhiyaachuufi of-eegannoowwan barbaachisoo ta'an hojiirra ooluu mirkaneeffachuun isaanii dirqama jedhameera.

Mana keessa tursiisuufi kunuunsa ilaalchisee namni Covid-19 qabamee dhukkubbiin salphaan itti dhaga'amu tokko manuma keessatti wallaansa Covid-19 akka argatu taasifama. Dhukkubsattoonni miseensota maatii biroorraa adda of baasanii, maaskiitiin afaaniifi funyaan isaanii haguuggachuu, yoo xiqqaate guyyoota 10f walitti aansuun manaa ba'uu hin qaban.

Namoota biyya tokkoo gara biyya biraatti ce'anirraan kan hafe buufata xiyyaaraa idil-addunyaa biyyattiiraan kan seenan namoonni umuriin isaanii waggaa 10 ol ta'e hundumtuu qorannoo Covid-19 bu'aan isaa negatiiva ta'e saatii 120 ykn guyyoota shanii ol hin turre qabatanii dhufuu qabu. Kana malees, imaltoonni alaa galan guyyoota torbaaf ada of baasanii turuu qabu.

Haata'u malee, namoonni guyyoota torbaaf adda of baasuuf hin dirqamne: guyyoota 90 keessatti Covi-19n dhukkubsatanii kanneen fayyan, dippilomaatota, kanneen talaallii Covid-19 guutummaatti fuhatanii kan xumuran yoo ta'e, turistoota walga'iitiif ykn dhimmoota tasaaf imaltoota dhufanidha.

Korawwan gara garaaf namoonni dhufan qorannoo Covid-19 taasisuufi bu'aan isaanii negatiiva ta'uus qaba. Namni bu'aan qorannoo isaa poosetiiva ta'e kamiyyu biyya seenuun dhorkaadha.

Imaltoota buufata xiyyaaraa idil-addunyaa biyyattiin kanneen qaxxaamuran ilaalchisee hanga yeroon balali'uu isaanii qaqqabutti daandii xiyyarichaa keessaa bahanii deemuu ykn hoteelawwan daandii xiyyaarichaa adda baasaniin alatti gara magaalaatti seenuu hin danda'an.

Reeffa yeroo sirreessuuf, qixeessuufi gaggeessuuttis mana keessatti ykn bakka kanaaf qophaa'etti namoonni boo'ichaaf deeman 50 akka caaluu akka hin qabne ajaja qajeelfamni kun.

Sirna awwaalchaa booda namoonni warra boo'ichaa jajjabeessuuf walitti qabanis 50 ol ta'uu hin qabu. Qajeelfama qaamaan walirraa fagaachuu eeggachuu, akkasumas maaskii afaaniifi funyaan ittiin haguugatan godhachuu qabu jedha.

Yeroo walga'iin jiruttis of-eegannoowwan Covid-19 kennaman haala hordofeen namoonni hanga 50 ta'an walitti qabamuu danda'u.

Maddi: BBC

COVID-19 Ministeera Fayyaa Itoophiyaa

Odeessa kana irratti dabalata