Hoggansi Waraana Sudaan Ministira Mummee biyyatti Abdallaa Hamdook to'annoo jala oolche

1 month, 1 week ago 365 Qoodi

Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Hamdook hoggansi waraana biyyattiitin hidhaa dhaabbiirra akka turan godhamu isaani miidiyaaleen biyyatti gabaasaa jiru.

Hoggansi waraanaa Sudaan Janaraal Alburhaanin durfamu MM Hamdook dabalataan anga'oota olaanoo biroo kan akka Ministira Dhimmoota Kaabinee, Ministira Indaastirii fi Ministira Informeeshinii to'annoo jala oolchu himameera.

Yaalii fonqolcha mootummaa kana hordofee lammiileen biyyatti heddu mormiidhaaf gara daandii bahaa jiru. Haata'u malee tajaajilli Intarneetii cufamuurraan kan ka'e odeeffannoo waqtaawaa argachuuf akka gufuu ta'e ibsameera.

Tibba kana Sudaan keessatti hiriira mormii bulchiinsa waraanaa biyyatti mormu gaggeeffame akka ture ni yaadatama.

Sudaan Siyaasa Gaanfa Afrikaa Abdallaa Hamdook

Odeessa kana irratti dabalata