Godina hawaasi Oromoo keessa jiraatu Daawwee keessatti haleellaan raawwatame miidhaa dhaqqabsiise

2 years, 1 month ago 1082 Qoodi

Godina hawaasi Oromoo keessa jiraatu aanaa Daawwee Harwaa keessatti miseensota poolisii kanneen hojii ittisa vaayiresii koronaa fi bobba’anii fi jiraattota naannoo irratti dhukaasa banameen miidhaan dhaqqabuu poolisiin beeksisee jira.

Haleellaa kanaanis namoota afur irra miidhaa salphaa fi cimaan dhaqqabuu isaa itti aanaa itti gaafatamaan poolisii godina sanaa komaander Mohammed Yaasiin VOAf ibsaniiru.

Haleellaan sun kan rawwatame kaleessa ta’uu ibsanii namoonni gocha kana raawwataman jedhamuun shakkaman to’annaa jala oolchuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi: VOA

Daawwee oromiyaa

Odeessa kana irratti dabalata