Diinagdee: Qabeenya Baankii Daldala Itoophiyaa birrii Triliyoona 1.1 gahe

3 months ago 741 Qoodi

Qabeenya Baankii Daldala Itoophiyaa Birrii Triliyoona 1.1 gahuu ibsame. Pirezdaantiin Baankichaa Obbo Abbii Saanoo ibsa har'a laataniin akka beeksisanitti, qabeenya baankicha birrii triliyoona 1.1 ol kan gahe hanga dhuma bara baajata 2013 ALI ta'u dubbataniiru.

Maallaqa keewwatame waliigalaa baankichaa birrii biiliyoona 140 ol gahuusaa kan eeran pirezdaantichi, dhimma haala yeroo irratti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota nageenya naannolee "bobbii biyya baraaruu" godhaa jiran deeggaruufi namoota sababa waraana kanaan miidhaan irra gahe gargaaruuf baankichi birrii miiliyoona 300 akkasumas hojjettoonni baankicha miiliyoona 500 deeggarsa taasisu isaani himaniiru.

Diinagdee Baankii Daldala Itoophiyaa

Odeessa kana irratti dabalata