Diinagdee: Dhaabbileen liqii idil-addunyaa Itoophiyaaf liqaa gadi dhiisuu tursiisan

3 months, 2 weeks ago 360 Qoodi

Dhaabbileen liqii idil-addunyaa Itoophiyaaf liqeessan, liqaa doolaara biliyoona 11 biyyattiif waadaa galanii turan gadi hin dhiisiin jiru.

Wayita biyyattiin biyyootaa fi dhaabbileen liqii idil-addunyaa haara galfii liqii akka kennaniif gaafataa jirtu kanatti liqiin haaraan kun dandeettii deebisanii kaffaluu biyyattii daranuu hammeessa sodaa jedhutu jira.

Liqiin waadaa galame kun barfatuun isaa pirojaktiiwwan misoomaa gurguddaa biyyattiin harkaa qabdu irratti dhiibbaa guddaa uuma jedha gabaasaan biizinasii BBC Afrikaa Chaarlas Gitoongaa.

Dhaabbilee liqaa Itoophiyaaf kennuuf waadaa seenanii tursiisan keessaa tokko Baankii Ekspoortii fi Impoortii Chaayinaati.

Baankichi liqaa doolaara miliyoona 339 waadaa gale gadi dhiisuu diduu ministeera Maallaqaa Itoophiyaatti Daarektara walta’insa Chaayinaa kan ta’an Obbo Damissuu Lammaa Rooyitarsitti himaniiru.

Liqaa Itoophiyaaf kennuuf waadaa galee ture kan tursiise Baankii Eksipoortii fi Impoortii Chaayinaa qofa miti.

Dookumantiin ministeerichi Waxabajjii darbe baase akka mul’isutti dhaabbilee fi biyyootni liqeessan silaa hanga Bitootessa darbeetti doolaara biliyoona 11 gadi dhiisuu qabu turan.

Waldaan Misoomaa Idil-addunyaa kan qaama Baankii Addnuyaa ta’e, doolaara biliyoona 3.3 waadaa gale gadi hin dhiisiin jira.

Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa akka jedhutti Fandiin Maallaqaa Idil-Addunyaa IMF liqii doolaara biliyoona 2.7 waada galee gadi hin dhiifne.

Itoophiyaaf liqii guddaa kan kennitu Chaayinaan ammoo doolaara biliyoona 1.4 gadi hin dhiisiin jirti.

Dhaabbileen liqii biroo liqaa kennuuf turan harka keessa qabatan Baankii Misoomaa Afrikaa fi baankileen daldalaa biroos jiru.

Dhaabbilee fi biyyoonni liqeessan kunniin liqaa tursiisuun ijaarsa pirojektoota misoomaa gurguddoo biyyattii liqaa alaa argamuun hojjetaman danquu mala yaaddoon jedhu jira.

Qonni, geejjibni fi komunikeeshinii akkasumas ijaarsawwan misooma bu’uraa akka daandii gurguddaa fi daandii baaburaa pirojektoota biyyattiin liqaa alaatiin ijaaraa jirtudha.

Pirojektiiwwan kanaafi kanneen biroof Itoophiyaan Adoolessa bara 2020 hanga Bitootessa bara 2021tti liqaa alaa doolaara miliyoona 675 argatte.

Hanga Bitootessa darbeetti Itoophiyaan walumaagaltti liqaa alaa hin kaffalamiin doolaara biliyoona 29 ofirraa qabdi.

Kunis omisha waliigalaa ykn GDP biyyattii keessaa dhibbeentaa 27 kan ta’udha.

Biyyattiin wayita ammaa dhaabbilee fi biyyootni liqeessan haara galfii liqaa akka godhaniif mariitti jirti.

Adoolessa darbe dubbi himaan IMF Geerii Raayis koreen tokko hatattamaan dhaabbatee gaaffii haara galfii liqaa Itoophiyaan liqeessitoota G20 fi Paariis Kilabiif dhiyeessite akka ilaalu gaafatanii turan.

Liqiin silaa biyyattiif waadaa galame tursiifamuun, liqeessitoonni yeroo fudhatanii itti bahiinsa marii kanaa ilaaluuf waan murteessan fakkaata.

Diinagdeen Itoophiyaa wayita ammaa sababoota gara garaan qoramaa jira.

Waraanni baatilee sagaliif Kaaba biyyattiitti adeemaa jiruu sababa ijoo yoo ta’u weerarri dhibee Covid-19 ammoo sababa biraati.

Sadaasa darberraa eegalee baatilee saddeet naannoo Tigraay keessa turetti baasii waraanaan ala, deeggarsa namoomaa fi naannicha deebisanii ijaaruuf birrii biliyoona 100 ol baasuu mootummaan federaalaa ibseera.

Gatiin sharafa alaa gabaa gurraacha irratti akka malee kan dabale yoo ta’u, lammileen biyyattii qaala’iinsa jireenya hamaan rakkachaa jiraachu himatu.

Baankiin biyyaalessaa biyyattii dhiyeenya kana baankilee hundi liqaa meeshaan qabsiifamuun kennamu mara akka dhaaban qajeelfama dabarseera.

Liqaan dhaabbilee fi biyyoota alaarraa biyyattiin eeggattu tursiifamuun ammoo daranuu rakkoo biyyattii hammeessuu mala.

Maddi: BBC

Itoophiyaa Diinagdee Liqii

Odeessa kana irratti dabalata