"Daawwannaan MM Abiy Ahimad Turkitti taasisan bu’aa qabeessa ture" – Ministeera Dhimma Alaa

3 months, 2 weeks ago 691 Qoodi

Daawwannaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Turkitti taasisan bu’aa qabeessa kan ture ta’uu Ministeera Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Huftiin haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa torbee laataniiru.

Daawwannichi hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti kan guddisuu ta’uu ibsa torbee haala yeroorratti laataniin himaniiru.

Biyyoonni lameen damee loltummaa fi Bishaaniin tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ibsaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Afrikaa Bahaatti ergamaa addaa Ameerikaa waliin marii jabaa taasiisuus eeraniiru.

Gareen shorokeessaa ABUT erga mootummaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee taasisee naannoo Amaaraa fi Affaariitti yakka ajjeechaa fi sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsa taasiisuu himameera.

Aministiin ragaan buqqaatoota ilaalchisee walitti qabe ragaa dogongoraa ta’uu ministeerichi ibsa laateen himeera. Lammiileen kumni dhibbi 3 ol naannoo Afaarii fi Amaaraarraa buqqa’uu ibseera.

Miidhaan lammiilee Ityoophiyaa Saa’udi Arabiyaarra ga’u akka dhaabbatu Ambaasaaddarri Ityoophiyaa gaafachuu himeera. Lammiileen Ityoophiyaa Jiibuutii, Sudaanii fi Yeemanii deebi’uu kaaseera. Lammiilee kuma 4 Yeemanii deebisuuf sanadni imalaa qophaa’uu ibsameera.

Akkasumas Saa’ud Arabiyaa torbeetti balallii sadiin lammiilee Ityoophiyaa biyyattiitti rakkoolee garaagaraaf saaxilaman gara biyyaa deebisuuf ni hojjetama jedhame.

Deeggarsi lammiilee Ityoophiyaa fi dhaloota Ityoophiyaa biyya alaa jiraatanii cimee itti fufu ka’eera.

Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqa’an deebisanii dhaabuu, Raayyaa Ittisaa fi Hidha Haaromsaaf deeggarsa birrii miiliyoona 28 taasiifamuu ibsameera.

Mannee Maree Daldalaa Ityoophiyaa fi Aljeeriyaa waloon hojjechuuf waliigaluus eereera.

MM Abiy Ahimad Turkii

Odeessa kana irratti dabalata